Nu’uuf Daadimadha’a
1 Muummeffata irratti, obboleeyyan teenna! Jechi Gootta’aa wodhakkaa teessanitti akkuma te’e, ariifatee akka badhatuu fi ulfaatu nu’uuf daadimadha’a. 2 Ammalle worri hedduun dhugeeffannaa waan hin qanneef, harka namoota yakkaameyyi’iitii fi dabaaleyyi’ii irraa akka inni nu baasu nu’uuf daadimadha’a.