2 Bineensi ani dhagge sun qeeransa fakkaata; miilli isaa ammoo miila doobba’aa13:2Doobba’aa: Iyya’aa fakkaata, afaan isaalle afaan neenqaa fakkaata. Jawween tun hunna ifii, barcumaa mootummaa ifiitii fi baallii ifii guddoo bineensa sanii kennite.
6 Innille Waaqa, maqaa Waaqaa, addee ulfaattuu Waaqi le’uu fi worra ol-gubbaa keessa le’u faanshessiisaaf afaan banate. 7 Akka inni woyyoota lolee injifatuuf hunni isaaf kennante. Gosa, kolbaa, afaanii fi gosa biyya adda addaa mara irralle’etti baalliin kennanteef.