11 Achiin duuba ol-gubbaan banantee, fardi adiin tokkolle achi jiruun dhagge. Farda san irralle, «Addatama’aa fi dhugaamessa» ka jedhamu tee’eeraayyu; inni balchumma’aan mura, hin lolalle’e. 12 Ilti isaa akka bobe’a ibiddaa ti; mataa ifii irralle’etti kallacha bacaa qaba. Maqaan isa malee nami tokkolle hin beenne isa irratti barreeffameera. 13 Inni woyaa dhiiga keessa cuuphanteertu uffateera; maqaan isaalle Jecha Waaqaa ti. 14 Loltooti ol-gubba’aa woyaa quncee talba’aa irraa hujante adi’ii fi qulqullittii uffatanee, fardoo adaadii irra tetee’anee isa gula deemiisatti jiraniiyyu. 15 Shallaagaan qara qabu ka inni ittiin gosa biyya adda addaa dhowu afaan isaa keessaa baye; ulee bokku’uu ta sibiilaatiille’een isaan hin bulcha. Inni addee daadhiin woyni’ii ta mufii hantuu Waaqa waan mara dande’uu itti cunfantu hin dhiita. 16 Woya’aa fi gudeeda isaa irratti maqaan, «Mootii moototaatii fi Goottaa goottotaa» jedhu barreeffameera.
Publicidade
Apocalipse 19
Ka Farda Adii Irra Tee’eeru