Mootummaa Woggaa Kumaa
1 Achiin duuba ergamaan Waaqaa dhibiin, ka furtuu boolla qile’eetii fi wodaroo sibiilaa harkaa qabu tokko ol-gubbaa irraa gadi bu’uun dhagge. 2 Inni jawwee qabee woggaa kumaaf hidhe; jawween tun ta Diyaabiloos yookiin Seexana jedhantu, dhudhuufaa durii ti. 3 Haga woggaan kum tokko sun muummottutti, akka jawween deebitee gosa biyya adda addaa hin dokonkorsineef qile’etti isii qolaansee, itti cufee chaappaa itti dhowe. Achiin duuba yennaa diqqo’oof hiikamuu qaddi.
4 Kanaan duuba barcumoota mootumma’aa dhagge; barcumoota mootumma’aa san irra worri akka muruuf baalliin kennanteertu tetee’eeraayyu. Akkasuma lubboota worra marroo dhugaa baya Yesuusiitii fi Jecha Waaqaatiif mormi kutamee dhagge. Isaan bineensaaf yookiin fakkii bineensaatiif hin saganne; adda yookiin harka ifii irratti beessisa bineensa sanii hin godhanne. Isaanille du’aa ka’anee Kiristoos woliin woggaa kuma tokkoof mowan. 5 Worri du’e ka hafe ammoo, haga woggaan kum tokko sun muummotutti du’aa hin kaane. Kun du’aa ka’a qaraa ti. 6 Worri du’aa ka’a qaraa kana keessatti qooda qabu worra badhaadhee fi worra woyyu’u. Duuti lammeesso’oo isaan irratti baallii hin qaddu; isaan hayyoota Waaqaatii fi Kiristoosii te’an; isa wolille’een woggaa kuma tokkoof mowan.
Seexanni Injifatame
7 Yennaa woggaan kum tokko sun muummotte, Seexanni addee itti hidhame sanii hin hiikama; 8 gosa biyya adda addaa ta maddii lafaa arfanuu keessa jirtu: Gosa Googiitii fi Maagoogii dokonkorsaa, lolaaf wolitti isaan qabiisaaf hin baya; laakkossi isaaniille akka maansa cinaa abbaaya’aa ti. 9 Isaan gara lafa maraa bayanee, addee kolbaan Waaqaa jirtuu fi qachaa Waaqaan jaalatame marsane; te’uu malee ibiddi ol-gubba’aa irraa bu’ee isaan nyaate. 10 Seexanni isaan dokonkorselle, addee bineensii fi raagichi dharaamessi jiranu, abbaayaa ibiddaa fi dhakaa bobe’uutitti qolaanfame. Isaaniille halkanii fi guyyaa, bara baraa haga bara baraa farran.