Pular para o conteúdo
Publicidade

Mudhii Yohaannisii 20

Muraa Muumme’ee

11 Achiin duuba barcumaa mootumma’aa adi’ii fi ka isa irra te’eeru dhagge. Ol-gubbaaa fi latti isa duraa baqatane; addeelle isaaniif hin dhagganne. 12 Worri du’e diqqa’aa fi guddaan, barcumaa mootumma’aa san dura dhaabbateeruun dhagge; kitaabotille banamane. Kitaab dhibiille kitaab jiru’uu baname; akkuma kitaabota san keessatti barreeffamee jirutti, worra du’etti akkuma hujii isaaniititti murame. 13 Abbaayaan guddoolle worra du’e ka isii keessa jiru kennite; du’aa fi addeen worri du’e jiru20:13Addeen worri du’e jiru: Mootummaan du’aa yookiin qileen yookiin si’ool worra du’ane ka isaan keessa jiranu kennane; tokko tokkottuu akkuma hujii isaatitti itti murame. 14 Achiin duuba du’aa fi addeen worri du’e jiru abbaayaa ibiddaatitti qolaanfamane; abbaayaan ibiddaa sun du’a lammeesso’oo ti. 15 Nami maqaan isaa kitaaba jiru’uu keessatti bareeffamee hin dhaggamin marti abbaayaa ibiddaatitti qolaanfame.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também