12 Worri du’e diqqa’aa fi guddaan, barcumaa mootumma’aa san dura dhaabbateeruun dhagge; kitaabotille banamane. Kitaab dhibiille kitaab jiru’uu baname; akkuma kitaabota san keessatti barreeffamee jirutti, worra du’etti akkuma hujii isaaniititti murame. 13 Abbaayaan guddoolle worra du’e ka isii keessa jiru kennite; du’aa fi addeen worri du’e jiru20:13Addeen worri du’e jiru: Mootummaan du’aa yookiin qileen yookiin si’ool worra du’ane ka isaan keessa jiranu kennane; tokko tokkottuu akkuma hujii isaatitti itti murame.
Publicidade