Publicidade

Apocalipse 21

10 Ayyaanalle’een gara gaara gudda’aa fi dheera’aa tokko na geessee, qachaan woyyichi Yerusaalem, ol-gubbaa keessaa Waaqa biraa gadi bu’uun natti mudhise. 11 Qachaan sun ulfinna Waaqaatiin ifiisatti jiraayyu; calalaqi isaalle akka dhakaa gatii guddo’oo, akka Yaasphisii, qulqulluu akka cabbi’ii ti. 12 Dalleya dhaka’aa gudda’aa fi dheeraa, ka karra kudhanii lama qabu qaba; karroota san irra ergantooti Waaqaa kudhanii lama dhaabbatanee eegiisatti jiran; maqaan gosa Israa’elii ka kudhanii lamaaniituu irratti barreeffameera. 13 Karaa aduun baatuun karra sad, karaa oliitiin karra sad, karaa gadiitiin karra sad, karaa aduun seentuun karra saditti jira. 14 Dalleenni dhaka’aa ka qachaa sanii hundee kudhanii lama qaba; isaan san irralle’etti, maqaan ergantoota Hoolichaa ka kudhanii lamaaniituu barreeffameera.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-