3 Ani qoonqoo guddoo takkalle dhage’e; isiin barcumaa mootumma’aa san biraa, «Kunoo, bultumi Waaqaa ulfaataan odduu kolba’aa jira; kolbaa wolille’een hin jiraata; isaanille kolbaa isaa hin te’an. Waaqinuu isaan woliin le’a; Waaqa isaaniille te’a. 4 Imimmaan duudii ila isaanii irraa haqa; wonni durii waan dabarteertuuf, haganaa achi duuti, yookiin gaddi, yookiin bootti, yookiin farri hin jiraattu» jedhe.
Publicidade
Publicidade