Publicidade

Apocalipse 22

Laga Jiru’uu

1 Achiin duuba ergamaan Waaqaa laga bisaan jiru’uu, ka akka cabbi’ii calalaqu, barcumaa mootummaa Waaqaatii fi Hoolichaa irraa yaa’uun natti mudhise. 2 Lagi sunille hodhicha guddicha qachaa sanii wodhakkaa lola’iisatti jiraayyu. Laga san gamaa fi gamana muki jiru’uu jira; muki kun wogga’atti yennaa kudha lama waan midhaan buusuuf, ji’uma ji’aan midhaan irraa dhaggama. Baalli muka kanaalle ka gosi biyya adda addaa ittiin fayyitu. 3 Haganaa achi wonni Waaqaan abaaramu tokkolle achitti hin dhaggamu. Barcumaan Waaqaatii fi Hoolichaa qachaa san keessa jiraata; tajaajiltooti isaalle isa waaqonfatan. 4 Isaan fuula isaa hin dhaggan, maqaan isaalle adda isaanii irratti hin jiraata. 5 Haganaa achi halkan hin jiraatu; Waaqi Goottaan ifa isaanii waan te’uuf, ifi issa’aa, yookiin ifi adu’uu isaaniif hin barbaachisu. Isaan bara baraa haga bara baraatitti hin mowan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-28_14-13-17-