8 Ka waan kana dhage’ee fi dhagge, ana Yohaannis. Yennaa waan kana dhaggee fi dhage’e, ergamaa Waaqaa ka waan kana natti mudhiseef sagadiisaaf, miila isaatitti gadi jige. 9 Inni ammoo, «Lakkii! Waan akkasii godhuu hin qaddu! Ani si’ii fi obboleeyyan teeti raagotaa fi worra jecha Kitaaba kanaa eeggatu maraa woliin tajaajila’a; Waaqaaf sagadi» naan jedhe.