Ergaa Wolde’a Sardeesiitii Ergante
1 «Ergamaa wolde’a kiristaana Sardeesiitiif akkas jedhii barreessi:
«Ayyaanota Waaqaa torbaa fi urjoota torba ka harkatti qabateeru akkas jedha: Hujii teeti hin beeka; maqa’aan hin jirta, ammoo duuteerta. 2 Maarre dammaqi! Waan hafe ka du’a geyeeru jabeessi! Hujiin teeti Waaqa kiyya duratti guutuu teeteertuun hin dhaggine.