15 Ani hujii teeti hin beeka; ati o’aa yookiin qabbanowa’aa moti. O’aa yookiin qabbanowaa adoo teetee jiraate sila hin jaaladhaayyu. 16 Ati ammoo bulluqowa’a malee, o’aa yookiin qabbanowaa waan hin te’iniif, afaan kiyya keessaa si tufaara.
17 «Ati, ‹Ani dureessa, ani quufaleessa, womaa naaf hin barbaachisu› jetta; ammoo, ati deegaa, naasisaa3:17Naasisaa: Gaddisiisaa, hiyyeessa, balla’aa, fi nafa-qullaa akka ka jirtu akka teete ifi hin beettu. 20 Kunoo, ani balbala dura dhaabbadhee balbala dhodhowa; eennulle qoonqoo tiyya dhage’ee yoo balbala naaf bane, ani seenee isa woliin nyaadha, innille na woliin nyaata.