Chaappaa Torba
1 Achiin duuba Hoolichi sun chaappaa torba keessaa ka qaraa banuun dhagge; dada lubbuu qaddu arfan keessalle’ee tokkochi qoonqoo akka mandiisu’uutiin, «Koy!» jedhuun dhage’e. 2 Anille midhadhee, farda adii tokko dhagge; ka farda san irra tee’eerulle guubee qabateera; kallachi isaaf kennamee, innille akka mowataa tokkoo mowatiisaaf gad baye.