21 Tanaaf yennaa Goottaan Yesuus odduu teennatti deddeebi’e duudi’itti nama nu woliin jiru keessaa, 22 akkasuma cuuphaa Yohaannisiitiin jalqabee, haga guyyaa Yesuus nu biraa ol fudhatameetitti, worra nu woliin jiru kana keessaa tokkochi, du’aa ka’a Yesuusiitiif, nu woliin nama dhugaa bawu te’uu barbaachisa» jedhe.