Phawuloosii Fi Siilaas Hidhamane
16 Gaafa tokko gara addee daadimanna’aa adoo deennuu, durrittii garbittii ayyaana hamaa waan gara duraa morsiisu qaddu takkaan woldeenne; isiin moriisaan goottota ifiitiif beesee hedduu galchaa turte. 17 Isiin, «Namooti kun tajaajiltoota Waaqa Ol-aana’aa ti! Isaan karaa fayyinnaa isinitti lallaban» jettee iyyaa Phawuloosii fi nu hordotte. 18 Isiin guyyaa hedduu itti deddeebisaa kana goote. Phawuloos ammoo aaree itti garagalee ayyaanni sun isii keessaa akka bawuuf, «Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin akka isii keessaa baatu si ajaja» jedhe; ayyaanni sun yoosuma isii keessaa baye. 19 Goottoti isi’ii, addiin beesee isaan dhaggatanuu akka irraa hatte yennaa hubatane, Phawuloosii fi Siilaas qabanee harkisaa gara badhinna dikko’oo fidanee, worra baallii qabu dura dhikeessane. 20 Qondaaltota worra Rooma’aa duratti isaan fidanee, «Jarri tun Yihudoota; isaan qachaa keenna raasiisatti jiran. 21 Isaan aadaa nu worri Rooma’aa fudhatiisaaf yookiin hujiisaaf seeraan ala te’e nu barsiisan» jedhane. 22 Gumiin wol qabattee Phawuloosii fi Siilaas miidhiisaaf kaate.
Achiin duuba qondaaltoti, woyaa Phawuloosiitii fi Siilaasii tarsaattee akka isaan ule’een dikamanu ajajje. 23 Akka malee dikamaneen duuba gara mana hidha’aa galchisiisane; achitti jabeessee akka isaan eeguuf, eeddicha mana hidha’aa ajajane. 24 Eeddichi ajaja kana fudhateen duuba, kolloo mana hidha’aa ta keessaatitti isaan galchee, miila isaanii jirma ulfaataa lama wodhakka’atti jabeessee hidhe.
25 Gara halkan wodhakka’aatitti Phawuloosii fi Siilaas daadimanna’aa fi faaru’uun Waaqa leellifataaraniiyyu; worri hidhame dhibiille isaan caqasaaraayyu. 26 Dedhuma haga hundeen mana hidha’aa raafantutti tacho’i lafaa guddaan te’e; balbalti duudiin takkumaan banante; wodaroon sibiilaa namoota hidhamane duudii irraa hiikante. 27 Namichi mana hidha’aa eegu hirriibaa dammaqee, balbalti mana hidha’aa bananteertuun yennaa dhagge, worri hidhameeru isa duraa waan miliqeeru seyee, ifi ijjeesiisaaf shallaagaa buqqifate. 28 Phawuloos ammoo qoonqoo guddo’oon, «Nu martinuu waan as jirruuf, woy ifi hin godhin» jedhaa itti iyye.
29 Yennaa kana namichi mana hidha’aa eegu, ifa fichisiifatee gara mana hidha’aa ol seenee, rorommaa miila Phawuloosiitii fi Siilaasititti jige. 30 Achiin duuba inni isaan gad yaasee, «Goottota tiyya! Ani fayyiisaaf maan godhuu qaba?» jedhe.
31 Isaan deebisanee, «Goottaa Yesuusitti dhugeeffadhu; ati hin fayyita; maatiin teetille hin fayyiti» jedhane. 32 Achiin duuba Jecha Waaqaa isaa fi worra mana isaa keessa jiru duudi’iif himane. 33 Halkan saatuma sanitti, namichi mana hidha’aa eegu isaan fuudhee madaa isaanii dhiqe; yoma san innii fi worri mana isaa duudiille cuuphame. 34 Kanaan duuba inni Phawuloosii fi Siilaas gara mana ifii geessee, sagalee isaaniif dhikeesse; inni Waaqatti waan dhugeeffateef, innii fi maatiin isaa guddoo gammadane.
35 Boruyyaa ganama qondaaltoti worra Rooma’aa, «Jara san gad dhiisi!» jedhanee namicha mana hidha’aa eegutti akka himanuuf Poolisoota itti ergane.
36 Maarre namichi mana hidha’aa eegu, «Qondaaltoti worra Rooma’aa akka isin gad lakkifantanu nutti erganeeran; tanaaf gad baya’aatii nageyaan deema’a» jedhee Phawuloositti hime.
37 Phawuloos ammoo, «Jarri tun nuuti worra Rooma’aa teenee adoo jirruu, adoo yakkaan nu’utti hin muramin kolbaa duratti nu dhaananee, mana hidha’aatitti nu galchane; amma ammoo dhossa’aan gad nu baasanii? Tun hin teetu! Isaanuu dhufanee nu baasanuu ti» jedhe.
38 Poolisooti waan kana qondaaltota worra Rooma’aatitti himane; qondaaltoti worra Rooma’aalle Phawuloosii fi Siilaas worra Rooma’aa akka te’ane yennaa dhage’ane sodaatane. 39 Tanaaf dhufanee araara isaan gaafatanee, mana hidha’aa keessaa isaan baasane; qachaa keessalle’ee akka bayanuuf kadhatane. 40 Phawuloosii fi Siilaasille mana hidha’aa keessaa bayanee, gara mana Liidiya’aa dhaqane. Achitti dhugeeffattoota dhagganee jajjabeessane; achiin duuba ka’anee deemane.