Publicidade

Atos 2

Bu’iisa Ayyaana Woyyicha

1 Jilti guyyaa shantameesso’oo ta «Phenxeqosxee» jedhantu yennaa geette, dhugeeffattooti duudiin addee tokkotti wolitti qabamaneeraniiyyu. 2 Dedhuma huuruun akka bubbee guddo’oo fakkaattu ol-gubbaa irraa dhuttee, mana isaan keessa jiranulle guutte. 3 Achiin duuba wonni bobe’a ibiddaa fakkaatu isaanitti mudhate; gargar cicciteelle tokko tokkoo isaanii gubba’atti bu’e. 4 Isaan duudiinuu Ayyaana Woyyichaan guutamanee, haga inni isaan dandeessisetti afaan adda addaatiin dubbatuu jalqabane.

5 Yihudooti Waaqa sodaatanu ka biyya biyya lafaa keessa jirtu mara irraa dhufane Yerusaalem keessa jiraniiyyu.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-