Dubbii Pheexroos Dubbate
14 Yennaa san Pheexroos worra kudha tokko woliin dhaabbatee qoonqoo ol qabatee, gumi’iin, «Worri Yihuda’aatii fi isin worri Yerusaalem keessa leetanu duudiin, waan te’e kana beekiisaaf waan ani isiniin jedhu dhage’a’a. 15 Amma ganama keessa saatii sad waan teeteef, kolbaan tun akka isin heddane san machoottee hin jirtu. 16 Tun ammoo afaan raagicha Yo’eliitiin,
17 «‹Guyyaa muumme’ee ani akkana tolcha jedha Waaqi:
nama duudii irratti Ayyaana kiyya hin buusa.
Ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin raagan;
dargaggeeyyiin teessan mudhii hin dhaggiti,
Maanguddooti teessanille oojjuu hin oojjatan.