2 Dedhuma huuruun akka bubbee guddo’oo fakkaattu ol-gubbaa irraa dhuttee, mana isaan keessa jiranulle guutte. 3 Achiin duuba wonni bobe’a ibiddaa fakkaatu isaanitti mudhate; gargar cicciteelle tokko tokkoo isaanii gubba’atti bu’e. 4 Isaan duudiinuu Ayyaana Woyyichaan guutamanee, haga inni isaan dandeessisetti afaan adda addaatiin dubbatuu jalqabane.
Publicidade