Pular para o conteúdo
Publicidade

Atos 3

Namichi Naafi Tokko Fayye

1 Gaafa tokko Pheexroosii fi Yohaannis yennaa daadimataa saafowa saatii sagalitti, gara Galma Waaqaa deemane. 2 Achi «Karra miidhadduu» jedhantu dura, namichi haga dhalatee jalqabee naafa te’e tokko jiraayyu; inni worra Galma keessa seenanu irraa akka beesee kadhatuuf guyyaa mara ba’atanee balbala dura isa keyan. 3 Inni Pheexroosii fi Yohaannis gara keessaa seenaaranuun yennaa dhagge, akka woy isaa kennanuuf kadhate. 4 Pheexroosii fi Yohaannis isa hubatanee ilaalanee, Pheexroos «Ol jedhii nu ilaal» jedheen. 5 Maarre inni isaan irraa waan wo dhaggatu seyee, hubatee isaan ilaale. 6 Pheexroos ammoo, «Ani beesee3:6Beesee: Meeti’ii fi worqii hin qabu; waan qabu ammoo si’iif hin kenna; maqaa Yesuus Kiristoosii Naaziretiitiin ka’ii ideemi» jedhe. 7 Achiin duuba inni harka middicha isaa qabee ol kaase; yoosuma miilaa fi gulubiin3:7Gulubiin: Komettuun isaa jabaatte. 8 Inni ol utaalee miilaa ifiitiin dhaabbatee, ideemiisa jalqabe; Galma Waaqaa keessa isaan woliin seenee, asii fi achi deemaa u’utaalaa Waaqa leellifate. 9 Nami duudiin inni ideemaa Waaqa leellifatuun dhaggane. 10 Isaan inni kadhaticha karra «Miidhadduu» jedhantu dura tee’ee kadhatu kaan akka te’e yennaa beekane, waan namicha irratti te’e kanatti maalalanee baaseffatane.

Veja também