Pular para o conteúdo
Publicidade

Resultados da busca por "fé"

276 resultados encontrados

  1. 1 Coríntios 8

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 8
    Mostrando versículos 2–11 de 13

    2Nami wo beeka ifiin jedhu, haga beeku’uu maleeyyuu hin beenne.

    3Nami Waaqa jaalatu ammoo Waaqaan ka beekkame te’a.

    11Maarre nami dhugeeffanna’aan hin jabaatin, obboleessa keeti ka te’e, ka Kiristoos du’eef sababa beekkumsa keetiitiin bada.

  2. Deuteronômio 18

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 18
    Mostrando versículos 6–13 de 22

    6Nami Lewwi’ii tokko, qachoota Israa’el keessa jiranu keessa addee le’uu bayee, fedhii guddo’oon, gara addee Mootiin Waan Maraa filatuu yoo dhufe,

    10Nami ilma ifii yookiin intala ifii kennansa gubamuuf dhikeessu yookiin worri moru, nami moora ilaalu, nami faroo ilaalu,

    13Ati Mootii Waan Maraa duratti ka komii hin qanne te’i.

  3. Mateus 19

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 19
    Mostrando versículos 12–17 de 30

    12Worri guneessa te’anee dhalatane jiran, worri harka namaatiin guneessa te’anelle jiran, worri mootummaa Waaqaatiif jedhanee guneessa ifi godhaneelle jiran. Nami kana fudhatiisa dande’u fudhatuu ti» isaaniin jedhe.

    15Innille harka ifiitiin ijoollee qaqqabee achii ka’ee deeme.

    17Yesuus deebisee, «Marroo hujii dansa’aa maaf na gaafatta? Dansaan Waaqa tokkocha qofa. Jiru’utti galiisaaf yoo feete, ajajoota Waaqaa eegadhu» jedheen.

  4. Hebreus 11

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 11
    Mostrando versículos 2–40 de 40

    2Worri durii dhugeeffanna’aan Waaqa biraa fudhatama dhaggate.

    24Muuseen yennaa guddate, dhugeeffanna’aan ilma intala Fara’oonii jedhamee waamamuu dide.

    40Waaqi waan caalu waan nu’uuf qopheesseeruuf, isaan nu woliin malee, qofuu guutuu te’iisaaf hin dande’anu.

  5. Mateus 20

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 20
    Mostrando versículos 11–27 de 34

    11Isaan yennaa beesee fudhatanelle, abbaa fichaa woyni’ii irratti gungumanee,

    14Kaffaltii teeti fudhadhuu deemi; haguma si’iif kenne namicha duubarra qaxarame kanaafille kenniisa fedha.

    27akkasuma eennulle isin keessaa nami nama namaan duraa te’uu fedhu garbicha keessan te’uu ti;

  6. Cânticos 1

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 1
    Mostrando versículos 1–9 de 17

    1Faaruu Solomoonii ta faaruu mara caaltu.Waajibittiin

    4Na fudhadhuu deemi! Ariifannuu ti;ee, mooticha gara kolloo teetii na geessi.JaalotiNuuti si’iin firinxiindhee hin gammanna;daadhii woyni’ii caalaa jaalala keeti leellinna;dubartooti marti dhuguma si jaalatan.Waajibittii

    9Obboleettii tiyya!Ati fardoo garreettaa fardaan harkifamu harkisanuka Fara’oonii keessaaakka farda tokkoo ti.

  7. 2 Timóteo 1

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 1
    Mostrando versículos 2–18 de 18

    2Ilma kiyya jaalatamaa Ximootewoosiif,Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadha, mararti’ii fi nageya siif kennu.

    13Barumsa fayyaalessa1:13Fayyaalessa: Sirrii akka fakkeennaatitti hordofiisaaf na irraa baratte, dhugeeffanna’aa fi jaalala tokkummaa nuuti Yesuus Kiristoosiin qannu jabeessii qabadhu.

    18Guyyaa muumme’ee san Goottaan marartii isaaf godhu. Biyya Efesooniititti attam akka inni naaf ergame atinuu akka dansaa beetta.

  8. 2 Coríntios 6

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 6
    Mostrando versículos 1–7 de 18

    1Nuuti Waaqa woliin ka hunyu waan teeneef, badhaadha Waaqaa ka fudhattane akkanumaan hin balleessina’a jennee isin kadhanna.

    6akkasuma qulqullumma’aan, beekkumsaan, ossaan, arjumma’aan, Ayyaana Woyyichaan sooreffamiisaa fi jaalala dhuga’aatiin,

    7jecha dhuga’aatii fi hunna Waaqaatiin. Hubiisaa fi ifi irraa dhooggatiisaafille, mey keenna ka woraanaa balchumma’a.

  9. Provérbios 29

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 29
    Mostrando versículos 5–21 de 27

    5Nami afaan calla’aan nama kookkisu,fonxoroo miila ifiititti afa.

    6Nami hamaan cubbuu ifiitiin qabama;nami balchaan ammoo hin faarfata;hin gammadalle’e.

    21Nami tajaajilaa ifii ijoollummaa isaatii jalqabee qananiisu,dhuma irratti gadda ifitti fida.

  10. Tiago 2

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 2
    Mostrando versículos 1–26 de 26

    1Obboleeyyan tiyya! Goottaa ulfinnaa keenna Yesuus Kiristoositti dhugeeffannaa eega qabaattane, nama wol hin caalchisina’a.

    19Ati Waaqi tokkochi akka jiru hin dhugeeffatta; dansaa goote! Durriisotille tana hin dhugeessan, sodaataneelle hin hollatan.

    26Nafi hafuura2:26Hafuura: Ayyaana hin qanne ka du’e; dhugeeffannaan hujii hin qannelle ta duute.

  11. Romanos 1

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 1
    Mostrando versículos 18–22 de 32

    18Waaqa sodaa dhabiisaa fi hammeenna kolba’aa, ka hammeenna ifiitiin dhugaa mudhii dhoogganu irratti, ol-gubbaa irraa mufiin Waaqaa mudhatteerti.

    19Waan namooti marroo Waaqaa beekiisaaf dande’anu, Waaqinuu waan isaanitti mudhiseeruuf, isaanitti mura.

    22Qaroolee ifiin jedhan, ammoo isaan gowwoole’e;

  12. 1 João 3

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 3
    Mostrando versículos 1–16 de 24

    1Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaalate ilaala’a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu.

    7Ijoolle! Eennulle me isin sobuu ti! Akkuma Kiristoos balchaa te’e, nami balchummaa huju balcha’a.

    16Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu’uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna.

  13. 2 Crônicas 10

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 10
    Mostrando versículos 2–19 de 19

    2Ilmi Nebaatii Yerobi’aam, ka Solomoon duraa gara biyya Gibxi’ii baqateeru, oduu tana yennaa dhage’e, deebi’ee dhufe.

    4«Abbaan keeti Solomoon waanjoo ulfaattuu nutti fe’eera. Ati ammoo amma hujii ulfaattu’uu fi waanjoo ulfaattuu abbaan keeti nutti fe’e, yoo nuu sallitte, nuutille si’iif hin ajajanna» jedhane.

    9«Kolbaa, ‹Waanjoo abbaan keeti nutti fe’e, nutti sallisi!› jettu tanaaf

    10‹Abbaan keeti waanjoo ulfaattuu nutti fe’eera; ati ammoo nutti sallisi!›

    11Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe’eera; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe’a; abbaan kiyya liche’een isin

    14«Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe’e; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe’a; abbaan kiyya liche’een isin

    15Maarre wonni kun Waaqa irraa waan teeteef, mootichi dubbii kolba’aa hin dhageenne; wonni Waaqi karaa Ahiiyaa nama biyya Shiiloniitiin, ilma Nebaatii Yerobi’aamitti dubbate tanaan muummotte.

    19Maarre kolbaan Israa’elii ta gara kaabaa, haga adhaa namoota sanyii Daawitii irratti finqila kaasanee hafane.

  14. Ezequiel 45

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 45
    Mostrando versículos 10–18 de 25

    10Isin waan ittiin safartanu ka «Eefaa» jedhamuu fi ka «Baatihii» jedhamu ka sirrii te’ane qabaadha’a.

    13« ‹Kennansi isin dhikeessitanu, qamadii omeerii tokko tokko keessaa eefaa jaa keessaa eefaa tokko, garbuu omeerii tokko tokko keessaa eefaa jaa keessaa eefaa tokko,

    18« ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ji’a tokkeesso’oo, ji’a san keessa guyyaa tokkeesso’oo loon keessaa dardara fafa hin qanne tokko fuudhii ciincessii, Galma Waaqaa qulleessi.

  15. 1 Reis 12

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 12
    Mostrando versículos 4–23 de 33

    4«Abbaan keeti Solomoon waanjoo ulfaattuu nutti fe’eera. Ati ammoo amma hujii ulfaattu’uu fi waanjoo ulfaattuu abbaan keeti nutti fe’e, yoo nuu sallitte, nuutille si’iif hin ajajanna» jedhane.

    9«Kolbaa, ‹Waanjoo abbaan keeti nutti fe’e, nutti sallisi!› jettu tanaaf

    10‹Abbaan keeti waanjoo ulfaattuu nutti fe’eera; ati ammoo nutti sallisi!›

    11Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe’eera; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe’a; abbaan kiyya liche’een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka makkaa qara qadduun isin hin dhaana› jedhi» jedhane.

    14«Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe’e; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe’a; abbaan kiyya liche’een isin

    22Ammoo jechi Waaqaa gara Shemaa’iyaa nama Waaqaa12:22 Nama Waaqaa: Raagicha jechu’u. dhufee,

    23«Mootii Yihuda’aa Rehobiyaamii ilma Solomooniitiin, fira Yihuda’aatii fi Beniyaamiitiin, worra hafe maralle’een,

  16. Neemias 11

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 11
    Mostrando versículos 2–28 de 36

    2Kolbaalle namoota worra fedha ifiitiin Yerusaalem keessa le’iisaaf ifi kennane mara eebbiche.

    19Eeddoti Galma Waaqaa:Aquub, Xalmoonii fi firoottan isaanii wolumatti dhibba tokkoo fi torbaatamii lama.

    28qachaa Siiqlaagii keessa, qachaa Mekona’aatii fi olloota isaa keessa,

  17. 1 Reis 13

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 13
    Mostrando versículos 13–29 de 34

    13Achiin duuba inni ilmaan ifiitiin, «Harree tiyyatti kooraa naa fe’a’a13:13 Kooraa naa fe’a’a: Reroo naa rera’a worri jedhulle jira.!» jedhe; isaan harree sanitti kooraa isaaf fe’ane; innille irra tee’ee,

    23Nami Waaqaa sun sagalee nyaatee, bisaan uneen duuba, jaarsi raagichi deebisee isa fide sun harre’etti kooraa isaaf fe’e.

    27Achiin duuba raagichi ilmaan ifiitiin, «Harre’etti kooraa naa fe’a’a» jedhe; isaanille kooraa san isaaf fe’ane.

    29raagichi sun, reeffa fuudhee harre’etti fe’ee, bowanee akka isa awwaalanu,

  18. Gênesis 45

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 45
    Mostrando versículos 5–27 de 28

    5Waaqi lubbuu kolba’aa fayyisiisaaf, isiniin dura waan na ergeef, isin waan as na gurgurtaneef hin yaaddoyina’a yookiin ifitti hin aarina’a.

    17Maarre mootichi, Yoseefiin, «Obboleeyyan teetiin, ‹Geejjiba keessan fe’adha’aatii gara lafa Kana’aanii deebi’a’a.

    23waan dadansaa biyya Gibxi’iititti dhaggamanu fe’iisa harreele’ee kudhan, dabaleelle ideensa kara’aatiif galaa akka te’u midhaanii fi daabboo, sagalee dhibiille fe’iisa harreelee dhaltu’uu kudhan erge.

    27Te’uu malee waan Yoseef isaaniin jedhe mara yennaa isaan itti himane, gara biyya Gibxi’ii akka ittiin isa fidanu garreettaa geejjibaa ka Yoseef ergelle yennaa dhagge bayyanate.

  19. Filipenses 3

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 3
    Mostrando versículos 2–20 de 21

    2Worra akka sare’ee foon nafa namaa kukkutiisaan3:2Foon nafa namaa kukkutiisaan: Haqanqabaa qabiisaan, hantuu godhu irraa ifi eeggadha’a!

    11Du’aa ka’ee akka jiraadhu hin addadha.

    20Nuuti ammoo nama biyya ol-gubba’aa ti; nuuti Goottaa keenna Yesuus Kiristoos, Fayyisaa achii dhufu dharra’aan eeganna.

  20. Isaías 46

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 46
    Mostrando versículos 1–9 de 13

    1Waaqoti dharaa ka worra Baabilonii,Beelii fi Neboon hin salphatan;waaqoti dharaa ka isaanii sun geejjibatti fe’amaneeran;fakkiin isaan ba’atanee ideemanu sun ba’a’a;geejjiba itti fe’amane sanille hin dadhassiisan.

    5«Eennuun na fakkeessitan?Eennu woliin na wol qixxeessitan?Yookiin akka wol fakkaannuuf,eennu woliin na wol fakkeessitan?

    8«Isin finqiltooti tana qaabadha’a!Qalbii teessanille’etti qabadha’a.

    9Waan dur bara dheera’aan dura te’e qaabadha’a;ani Waaqa;ana malee Waaqi dhibiin hin jiru;ka akka kiyyaalle hin jiru.

Léxico (correspondência exata) Semântico (correspondência relacionada) Versículos omitidos Contexto do capítulo