8Ilma Waaqaa te’ulle, rakkinna fudhateen ajajamiisa barate.
9Guutuu te’een duuba worra isaaf ajajamu maraaf madda fayyinna bara baraa te’e.
10Waaqi akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, Hayyicha Guddaa godhee isa muude.
276 resultados encontrados
8Ilma Waaqaa te’ulle, rakkinna fudhateen ajajamiisa barate.
9Guutuu te’een duuba worra isaaf ajajamu maraaf madda fayyinna bara baraa te’e.
10Waaqi akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, Hayyicha Guddaa godhee isa muude.
34Ilti teeti ifa nafa keetii ti; ilti teeti fayyaa yoo teete, nafi keeti duudiin ifaa te’a; ammoo ilti teeti dhukkudduu yoo teete nafi keeti duudiin dukkanowaa te’a.
38Fariisaayichi sun Yesuus adoo harka hin dhiqatin nyaataaf akka tee’e yennaa dhagge maalalfate.
45Beekaan Seera Muuse’ee tokko, «Barsiisaa, ati yennaa tana dubbattu be nu’ulle arrassaarta» jedheen.
4Wonni Waaqi dade duudiin dansa’a; wonni daadimata galataatiin fudhatante takkaalle hin jibbatantu,
7Oduu durii ta beera dulloontee, ta gatii hin qanne hin fudhatin. Addee san leetoo Waaqi fedhuu le’iisaaf ifi leenjis.
10Nuuti Waaqa jiraataa fayyisaa nama duudi’ii, keessattuu ka worra isatti dhugeeffatuu te’etti waan addannuuf huji’iin dadhabaa farralle dhaggina.
3Abbaa keenna Waaqaa fi Goottaa Yesuus Kiristoos biraa badhaadhii fi nageenni isiniif te’u!
5Sababille dhugeeffannaa ati Goottaa Yesuusitti qadduu fi jaalala ati kolbaa Waaqaa maraaf qaddu dhage’eera.
8Waan godhu’uu malte akka gootuuf, si ajajiisaaf karaa Kiristoosiitiin ifi-addii qaba;
19« ‹Foon aadaa dhugeeffanna’aatiin waan battii te’e tuqe marti gubamuutii malee hin nyaatamin. Foon qulqulluu te’e ammoo nami akka aadaa dhugeeffanna’aatitti qulqulluu te’e marti nyaatuu ti.
20Nami akka aadaa dhugeeffanna’aatitti qulqulluu hin te’in foon kennansa tokkumma’aa ka ana Mootii Waan Maraa dhikaate irraa yoo nyaate, kolbaa ifii keessaa bawuu ti.
22Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse’een,
7Isin ammoo gatii eloo teessanii waan dhaggattanuuf, jajjabaadha’a, hin dadhabina’a» jedhe.
12Isaan gadhaa tokkochaa fi qalbii takkatti’iin, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii barbaadatiisaaf Gondooroo godhanee,
18Inni meya adda addaa, meeti’ii fi worqii ka abbaan isaatii fi inninuu Waaqaaf adda baasane fidee, Galma Waaqaa keessa keye.
7Barattooti ilmayyoo harre’ee gara Yesuusii fidanee, woyaa ifii harree irra buusane; innille irra tee’e.
16eennulle dalleya Galma Waaqaa keessa meya tokkolle ba’atee akka hin qaxxaamurre dhoogge.
22Yesuusille deebisee, «Waaqatti dhugeeffadha’a.
17Jaalota tiyya, isin ammoo dubbii ergantooti Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii tanaan dura dubbatte qaabadha’a!
21Marartiin Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, ta gara jiruu bara baraatitti isin geessitu eeggataa, jaalala Waaqaa keessatti ifi eega’a!
25Waaqa fayyisaa keenna tokkochaaf, karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, ulfinni, guddinni, hunnii fi baalliin bara durii mara duraan jalqabee, bara ammaatii fi haga bara baraa isaaf te’u! Ameen.
7Maarre Haamaan deebisee mootichaan, «Nama mootiin ulfinna kennuu fedhuuf,
8woyaa mootumma’aa ta mootiin ifiif uffattuu fi farda mootiin ifiif irra tee’u ka kallachi mootichaa mataa isaatitti keyame akka fidanu godhi.
12Achiin duuba Mordekaayi gara karra mootichaa deebi’e; Haamaan ammoo gaddee mataa ifii hagooggatee gara mana ifii fiige.
2Akkuma Kiristoos nu jaalatee, akka kennansa uddowa’aa fi woreega Waaqa gammachiisuu, jiruu ifii akkuma nu’uuf kenne, isinille jaalalaan jiraadha’a.
23Akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaatiif mataa te’e, abbaan manaa haadha manaatiif mata’a; Kiristoos nafa isaa ka teete, wolde’a kiristaanaatiifille fayyisa’a.
29Nami nafa ifii jibbu hin jiru; ammoo akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaatiif godhu, hin nyaachisa, hin qananiisa.
18Ifi jajuun badiisatti,koorri jigiisatti nama geessa.
25Karaan namatti qajeelaa fakkaatu jira;dhuma irratti ammoo gara du’aa geessa.
26Fedhiin sagale’ee akka nami jabaatee huju gooti;beeltille huji’itti isa kakkaachi.
5Gaafa guyyaa arfeesso’oo, barii ganamaan ka’anee deemiisaaf qophowane. Abbaan sodda’aa ammoo dhirsa intala ifiitiin, «Jabaattee akka deentuuf, qara wo nyaadhu» jedhe.
10Lewwichi sun ammoo halkan san achi buluu hin barbaanne; tanaaf inni, gursumeettii ifii, tajaajilaa ifiitii fi harree ifii ta kooraan itti fe’ame lama woliin ka’ee deeme; yennaa latti dhiite fuullee Yibusii geyane. Yibuusiin kun qachaa, «Yerusaalem» jedhamu.
16Adoo inni achi jiruu, jaarsi biyya koobittii Efreemii irraa dhufee, ka qachaa Giibe’aa keessa le’u tokko, hujii fichaa ifii irraa dhufe; kolbaan addee sanii ammoo, sanyii Beniyaaminii ti.
28«Ka’i ideenna!» jedheen; ammoo deebii hin dhagganne; achiin duuba reeffa isi’ii harree irratti fe’ee gara mana ifii deeme.
22Jaalalli Waaqaa ka bara baraa waan te’eef,marartii isaa ta dhuma hin qanne irraa ta kaatenuuti badiisa dhanne.
25Waaqi worra addi’iin isa eegatuuf,worra isa barbaaduuf dansa’a.
26Tanaaf nami cadhiseefayyisiisa Waaqaa eegatiis dansa’a.
2Maarre dammaqi! Waan hafe ka du’a geyeeru jabeessi! Hujiin teeti Waaqa kiyya duratti guutuu teeteertuun hin dhaggine.
6«Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde’oota kiristaanaatiin jedhu dhage’uu ti.
13«Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde’oota kiristaanaatiin jedhu dhage’uu ti.
10Achiin duuba tajaajilaan sun gaalota goottaa ifii keessaa kudhan fuudhee, kennansa dadansaa goottaa ifii itti fe’ee, gara qachaa Naahor keessa le’uu, Aaram biyya bisaan lama oddu’uu dhaqe.
19Inni dheebuu bayeen duuba, isiin, «Gaalota keetiifille haga isaan dheebuu bayanutti hin woraabaaf» jetteen.
32… namichi gara manaa dhaqe; Laabaalle fe’iisa gaalota irraa hiikee, hicaace’ee …
34Maarre inni, «Ani tajaajilaa Abrahaamii ti.
44isiille anaan, «Uni, gaalota keetille’eef hin woraaba» yoo jette, isiin ta Mootiin Waan Maraa ilma goottaa kiyyaatiif file teetuu ti› jedhe.
9Tanaaf ani holotaan, «Ani haganaa achii tissee keessan hin te’u. Ka du’anu du’anuu ti. Ka badanu badanuu ti. Ka hafanelle foon woli wolii nyaatanuu ti» jedhe.
12Ani isaaniin, «Yoo feetane mindaa kiyya naa kenna’a; yoo hin fedhin ammoo lakkisa’a» jedhe. Isaanille mindaa kiyya meetii soddoma naaf kennane.
15Itti aansee Mootiin Waan Maraa anaan, «Meya tissitoota gowwoolee sanii fuudhi.
2Ba’aa wolii ba’adha’a! Akkasiin Seera Kiristoosii muummessitan.
5Nami maraa ba’aa ifii ba’atuu qaba.
7Ifi hin sobina’a! Waaqatti funnaan hin dhaabanu. Nami waanuma facaase haammata.
5Isin waan qaddanu keessaa ana Mootii Waan Maraatiif kennansa dhikeessa’a! Nami kennansa kenniisaaf fedhu, kennansa worqi’ii, ka meeti’iitii fi sageettu’uu dhikeessuu ti.
14issa’aafille waan issaa irra keyanu meya isi’ii woliin, issa’aa fi zayitii ejersaa ta ifaaf teetu,
21Nami kennansa kenniisaaf fedhee, gadhaan isaa isa kakkaase, dhufee hujii Dunkaanii Woldeenna’aatiif, tajaajila isi’ii maraaf, woyaa hayyootaatiifille kennansa Mootii Waan Maraatiif fidane.
10Mucaa abbaa ifiitiin,«Ati maaf na uumatte?»,Haadha ifiitille’een,«Ati maaf na deette?» jedhuuf aanne’e!
15Ee Waaqa, fayyisaa Israa’elii,ati dhugumaan Waaqa ifi dhossitu.
22«Ana malee Waaqi dhibiin waan hin jirreef,isin worri qaccee biyya lafaa jirtanu marti,gara kiyya deebi’a’a’aatii fayya’a!
1Mootiin Waan Maraa hundee qachaa ifiigaarota woyyoota irratti dhaabe;
2Addee Yaaqoob le’u mara caalaa,Mootiin Waan Maraaseensuma karra Xiyoonii jaalata;
3Ee qachaa Waaqaa,wonni maade’ee marroo teetiif dubbatanti;