Pular para o conteúdo
Publicidade

Daniel 1

Dabarsii Daani’eliitii Fi Jaalota Isaa

1 Yehoyaaqiim biyya Yihuda’aa irratti mootii te’ee, woggaa sadeesso’ootitti, mootiin biyya Baabilonii Nebukadnezaar dhufee qachaa Yerusaalemii marse. 2 Goottaan biyya Yihuda’aa Yehoyaaqiimii fi meya Galma Waaqaa keessaa gamisa harka Nebukadnezaariititti dabarsee kenne; Nebukadnezaarille worra booji’e gara biyya ifii ta «Shiinaar» jedhantuu geessee, meya Galma Waaqaa keessaa booji’elle mana waaqota ifii ka Baabilon keessa jiru keessa keye.

3 Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar worra Israa’elootaa ka booji’ame keessaa maatii moototaatii fi qondaaltotaa keessaa dargaggoota dhiiraa garii filee akka fiduuf bulchaa guneessota ifii Ashfenaaz ajaje; 4 dargaggooti filamanu kun worra nafa ifii irratti fafa hin qanne, worra dadansaa, worra ogummaa mara qalbeeffatu, worra qaroo, worra hubatiisaaf ariifatu, mana mootumma’aa keessa tajaajiliisaaf worra dandeettii qabu te’uu qaban; afaan worra Baabilonii dubbisiisaa fi barreessiisa akka isaan barsiisuufille Ashfenaaz ajaje. 5 Mootichi Nebukadnezaar guyyuma guyya’aan sagalee ifiif nyaatu irraa, daadhii woyni’ii ta ifiif unu irraa isaaniifille akka kennamu ajaje; isaan woggaa sadiif leenjifamaneen duuba, mooticha tajaajiliisaaf seenan. 6 Worra gosa Yihuda’aa keessaa worri filatame Daani’el, Hanaaniyaa, Miishaa’elii fi Azaariya’a.

Veja também