8 Ani marroo gaafota isaa san adoo yaadiisatti jiruu, gaafi diqqichi dhibiin odduu gaafota saniitiin quuqee ol baye; gaafota qaraa keessaa sadiin ka isaan dura jiranu buqqa’ane; gaafi diqqichi kun ila akka ila namaatii fi afaan ittiin kooraa dubbatu qabaayyu» jedhe.
25 Inni Waaqa Ol-Aana’atti mormee hin dubbata; kolbaa Waaqa Ol-Aana’aalle cunqursee, yennaa jila beekkanteetii fi seera Waaqaa jijjiiriisaaf hin wodhaana; kolbaan Waaqaa woggaa sadii fi wodhakkaa baallii isaatiin jala hin teeti.