Ilma Finqilaa
18 Nami tokko ilma mataa jabaatu finqilaa ka yoo isa adabannelle, haadhaa fi abbaa ifiitiif hin ajajanne yoo qabaate, 19 haati isaatii fi abbaan isaa isa qabatanee, gara jaarsolee karra dalleya qachaa inni keessa le’uutitti geessanuu ti. 20 Isaan jaarsolee qachaa inni keessa le’u saniin, «Ilmi keenna kun ilma mataa jabaatu dida’a. Inni nu’uuf hin ajajamu. Inni gadhito’o; machowaalle’e» jedhanuu ti. 21 Achiin duuba dhiirti qachaa sanii marti dhaka’aan isa tumanee ijjeesanuu ti; maarre isin akka kanaan hantuu odduu teessanii hin balleessitan. Israa’elooti marti tana dhage’anee hin sodaatan.