Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Seera Keessa Deebii 22

Seera Marroo Fuudhaa Fi Heerumaa

13 Nami tokko niitii fuudhee, isii bira geyeen duuba, yoo isii jibbe, 14 dharaan maqaa isi’ii balleessee, «Ani intala tana fuudhe; yennaa isii bira geye bantii hin qaddu» jedhee yoo himate, 15 haatii fi abbaan intala sanii waan durrummaa isi’ii mirkaneessu, jaarsolee kora mura’aa ta karra qachaa sanii duraatitti geessanuu ti. 16 Abbaan intalaa jaarsolee saniin, «Ani intala tiyya nama kanaaf kenneeraayyu; inni ammoo isii jibbe. 17 Kunoo maqaa isi’ii balleessee, Intalti teeti bantii hin qaddujedhee himate. Beessisi durrumma’aa ka intala tiyyaa kunoo ti!» jedhee hoccuu dhiiga banti’ii qaddu san jaarsolee qachaa sanii duratti diriirsuu ti.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também