9 Woma dur te’eerutti ammalle te’uuf jira; woma dur hujameerutti ammalle hujamu’uuf jira. Biyya lafaa irra wonni haaretti hin jirtu. 10 Wonni nami, «Ilaa! Wonni kun waan haareya» jedhuu dande’u jirtii? Wonni sun bara dheera’aan dura, duruuyyuu asuma jirti; isiin adoo nuuti hin dhalatiniin dura asuma jirti.
Publicidade