Pular para o conteúdo
Publicidade

Eclesiastes 3

Waan Maraaf Yennaan Jirti

1 Waan maraaf yennaan jirti;

waan biyya lafa irraa maraaf yennaan jirti.

2 Dhalatiisaaf yennaan jirti;

du’iisaafille yennaan jirti;

Dhaabiisaaf yennaan jirti;

buqqisiisaafille yennaan jirti.

3 Ijjeesiisaaf yennaan jirti;

fayyisiisaafille yennaan jirti.

Diigiisaaf yennaan jirti;

ijaariisaafille yennaan jirti.

4 Bowiisaaf yennaan jirti;

kolliisaafille yennaan jirti.

Gaddisaaf yennaan jirti;

sirbiisaafille yennaan jirti.

5 Dhakaa bittinneessiisaaf yennaan jirti;

dhakaa wolitti qabiisaafille yennaan jirti.

Hanqafatiisaaf yennaan jirti;

hanqafatiisa lakkisiisaafille yennaan jirti.

6 Barbaadiisaaf yennaan jirti;

barbaadiisa lakkisiisaafille yennaan jirti.

Maffatiisaaf yennaan jirti;

gatiisaafille yennaa jirti.

7 Tarsaasiisaaf yennaan jirti;

hodhiisaafille yennaan jirti.

Cadhisiisaaf yennaan jirti;

dubbatiisaafille yennaan jirti.

8 Jaalatiisaaf yennaan jirti;

jibbiisaafille yennaan jirti.

Lolaaf yennaan jirti;

nageyaafille yennaan jirti.

Veja também