Pular para o conteúdo
Publicidade

Efésios 3

16 Durummaa ulfinna isaatiin keessi keessan karaa Ayyaana isaatiin akka jajjabaatu hunna akka isiniif kennu daadimadha. 17 Karaa dhugeeffanna’aatiin Kiristoos gadhaa keessan keessa akka qubatu ani hin daadimadha. Ani akka isin jaalalaan hiddaa fi hundee qabaattanu daadimadha. 18 Jaalalli Kiristoosii hagam akka badhatuu fi dheeratu, hagam akka ol fagaatuu fi gad fagaatu, akka isin kolbaa Waaqaa mara woliin hunna hubanti’ii qabaattanu, 19 akkasuma jaalala Kiristoosii ka beekkumsa bira dabare te’e san beettanee, guutummaa Waaqaa maraan akka guutantanu daadimadha.

Veja também