25 Maarre, yoona soba lakkisa’a! Nafa Kiristoosiitiin marti keenna miseensa wolii waan teeneef, dhugaa wolitti dubbannuu ti. 26 Isin yoo mufattane, mufiin teessan gara cubbuu isin hin geessin; mufii teessan irratti aduun isinitti hin seenin. 27 Seexanaafille karaa hin kennina’a. 28 Ka hatu hanna lakkisee, worra rakkata’aafille waan kennu akka qabaatu, harka ifiitiin hujii dansaa elowee addatamaan hujuu ti. 29 Dubbii bu’aa qadduu fi akka barbaachittetti ta ijaartu, worra dhage’uufille badhaadha ta kennitu malee, dubbiin hantuun afaan keessanii hin bayin. 30 Guyyaa itti wodantanuuf chaappaa4:30Chaappaa: Beessisa ittiin mallatteeffantane, Ayyaana Woyyicha Waaqaa hin gaddisiisina’a. 31 Hammeenni hadhawaan, mufiin, aariin, caanci moroma’aa, arrabii fi hammeenni martinuu isin irraa fagaattu. 32 Akkuma Waaqi karaa Kiristoosiitiin isiniif araarame, woliif araarama’a, woliif arjooma’a, gadhaalle woliif laafa’a.4:32 Qol. 3:13