5 Achiin duuba intalti mooticha biyya Gibxi’ii dhiqatiisaaf gara laga Nayilii dhutte; yennaa san dubartooti isii tajaajiltu laga san qarqara deddeemiisatti jiraniiyyu. Isiille saaxaraa allaaduu odduu jiru dhaggitee, tajaajiltittii ifii ergitee akka saaxaraa san fiddu goote. 6 Isiin yennaa saaxaraa san bante annuu keessatti dhaggite. Annuun waan bowiisatti jiruuf, isaaf gadditee, «Kun annuu Ibrootaa ti» jette.
7 Achiin duuba obboleettiin isaa intala Mootichaatiin, «Annuu kana akka hoosittee si’iif guddittu dubartoota Ibrootaa keessaa takkattii dhaqee si’iif waamuu?» jette.
8 Isiille, «Ee! Dhaqii waami!» jetteen. Maarre intaltille dhaxxee haadhuma annu’uu fidde. 9 Intalti mootichaalle isi’iin, «Annuu kana fuudhiitii hoosisii naaf guddisi; anille si’iif hin kaffala» jette. Maarre isiille annuu san fuutee hoosittee gudditte.