Publicidade

Ezequiel 19

Faaruu Gaddaa

1 «Faaruu gaddaa qondaaltota Israa'eliitiif faarsa'aatii:

2 «‹Haati teeti neenqota keessaa neenqa dhalaa attamii ti!

Isiin neenqota dardara odduu ciittee,

ilmoolee ifii guddifatte.

3 Isiin ilmoolee ifii keessaa tokkocha guddifatte;

innille neenqa dardara te'e;

adansee qabatiisa baratee, nama nyaate.

4 Gosi biyya adda addaa marroo isaa dhageette;

inni boolla isaan qotane keessa seenee qabame;

Isaanille hookkoo itti keyanee

harkisanee gara biyya Gibxi'ii geessane.

5 Addiin isi'ii bu'aa akka hin qanne,

wonni isiin eegatte akka isi'ii hin teene yennaa dhaggite,

ilmoolee ifii keessaa ka dhibii fuutee guddittee,

neenqa dardara goote.

6 Innille odduu neenqotaa asii fi achi ideeme;

neenqa dardara te'ee

adansee qabatiisa baratee, nama nyaate.

7 Inni kushee isaanii jadduu caccassee

qachaa isaanii balleesse; lattii fi wonni isii keessaa marti

dhangaa inni dhowuun sheephitte.

8 Achiin duuba gosi biyya adda addaa

karaa maraan isatti kaate;

isaan caccoo ifii isa irratti afanee,

inni boolla isaan qotane keessa seenee qabame.

9 Hookko'oon harkisanee gooree sibiilaa keessa keyanee

gara mootii Baabilonii geessane.

Dhangaan inni dhowu

gaarota Israa'elii irratti

deebi'ee akka hin dhage'ane

addee inni itti hidhamee eegamu keessa buusane.

10 Haati teeti muka woyni'ii

ka bisaan qarqaratti dhaabane,

ka sababa bisaan guddaa saniitiif

midhaan bacaa buusee banqaaqe fakkaatti.

11 Dameeleen isaa jajjabaattee,

ulee bokku'uu ta bulchitootaa teete.

Hojjaan isaatii fi dameeleen isaa bacaan,

ciggaa keessaa ol dheeratanee mudhatane.

12 Te'uu malee aari'iin buqqifamee lafatti gatame;

qilleensi goomole'ee ka karaa aduun baatuu

midhaan isaa qoorsee, irraa lafatti harcaasee goggosse;

dameelee isaa jajjadduu sanille ibiddi nyaate.

13 Amma muki woyni'ii goomolee keessa

addee bisaan hin jirre lafa goddu'utti dhaabame.

14 Qaccee damee muka woyni'ii guddittii keessaa

ibiddi bayee midhaan isaa mara nyaate;

dameen jadduun ulee bokku'uu ta bulchitootaa teetu,

ijjumaa irratti hin hanne› jedhi.

Tun faaruu gaddaa,

ta yennaa gaddaa faarfatanu» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-