Waaqi Abraam Waame
1 Mootiin Waan Maraa, Abraamiin, «Biyya teeti, gosa teeti, maatii abbaa keetiille lakkisiitii, gara lafa ani sitti mudhisuu dhaqi.
2 «Ani gosa guddoo si hin godha;
si hin eebbisa.
Gurra keeti hin guddisa;
worra dhibi’iifille eebba hin teeta.
3 Ani worra si eebbisu hin eebbisa;
worra si abaaru hin abaara.
Kolbaan lafa irraa duudiin
karaa keetiin ta eebbifante hin teeti» jedhe.