18 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Namichi qofii ifii te’uun dansa’aa moti; ani waa’ela qarqaartuu isaa, isaaf hin dada» jedhe. 19 Mootiin Waan Maraa Waaqi biyyee irraa bineensotaa fi sinbirroota dadee, maan jedhee akka inni waamu ilaaliisaaf gara namichaa fide; wonni namichi dada lubbuu qabeeyyii ittiin waame duudiin maqaa te’eef. 20 Maarre namichi horii maraaf, sinbirroota maraaf, bineensota maraafille maqaa baase; namichaaf ammoo waa’elli qarqaaraan hin dhagganne. 21 Maarre Mootiin Waan Maraa Waaqi namichatti hirriiba hamaa buusee, adoo inni rafuu, cinaacha isaa keessaa tokkocha fuudhee, addee cinaachaa san fooniin cufe. 22 Mootiin Waan Maraa Waaqi cinaacha namicha keessaa fuudhe san irraa, namittii dadee, gara namichaa fide.
23 Achiin duuba namichi,
«Amma reefuu, lafeen isi’ii lafee tiyya irraa,
foon isi’ii foon kiyya irraa dhaggame;
isiin namicha irraa waan dhagganteef,
‹Namittii› jedhantee waamantuu ti» jedhe.
24 Tanaaf nami abba’aa fi haadha ifii hin lakkisa niitii ifii woliin hin tokkooma; isaanille foon tokko hin te’an.