Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Seera Dadaa 26

Yisihaq Qachaa Geraarii Keessa Le’e

1 Beela bara Abrahaamii biyyatti buute malee, beelti dhibiin biyyatti buute. Yisihaqille gara Abiimelekii mootii Filisxeemotaa, qachaa Geraarii dhaqe. 2 Mootiin Waan Maraa Yisihaqitti mudhatee, «Lafa ani akka ati keessa leetu sitti himu keessa le’i malee, gara biyya Gibxi’ii gad hin bu’in. 3 Lafuma tana keessa turi! Anille si woliin hin jiraadha; si’ille hin eebbisa. Ani lafa tana mara si’ii fi sanyii teetii kennee, kakuu abbaa keeti Abrahaamiif kakadhe hin muummessa. 4 Ani sanyii teeti akka urjoota gubba’aa baceessee, lafa tana maralle isaanii hin kenna; gosi adda addaa ta lafa irraa martinuu karaa sanyii teetiitiin hin eebbifanti. 5 Sababa Abrahaam naaf ajajamee, ajaja kiyya, seerata kiyyaa fi seera kiyya eegateef, ani si hin eebbisa» jedhe.

6 Maarre Yisihaq Geraar keessa le’e. 7 Namooti addee sanii marroo niitii isaa yennaa isa gaafatane, «Isiin obboleettii tiyya» jedhe; isiin dansittii waan teeteef, namooti addee sanii Ribqa’aaf jedhanee na ijjeesan jedhee, «Isiin niitii tiyya» jedhuu sodaate. 8 Yisihaq yennaa hedduu achi tureen duuba, gaafa tokko mootiin Filisxeemotaa Abiimelek foddaa manaatiin gad ilaalee, Yisihaq niitii ifii Ribqa’atti riiqatuun26:8 Riiqatuun: Yookiin rirrigatuu. dhagge.

Veja também