7 Achiin duuba Yoseef abbaa ifii Yaaqoob ol seensisee mooticha dura dhikeesse; Yaaqoobille mooticha eebbise. 8 Achiin duuba mootichi, «Woggaan teeti meeqa?» jedhee Yaaqoob gaafate.
9 Yaaqoobille, «Ani asii fi achi daaqaa woggaa dhibbaa fi soddoma tureera. Woggooti sunille abbootiin tiyya ta durii asii fi achi daaqaa ta turte caalaa diqqo’oo fi rakkinnaan ta guutante» jedheen. 10 Achiin duuba Yaaqoob mooticha eebbisee biraa deeme. 11 Maarre Yoseef akkuma mootichi ajaje abbaa ifiitii fi obboleeyyan ifii lafa Gibxi’ii keessaa addee irra dansa’aa, qachaa Raamsesii bira lafa kenneef. 12 Yoseef abbaa ifii, obboleeyyan ifiitii fi worra mana abbaa ifii maraaf, akkuma laakkossa nama harka isaanii eegatuutitti sagalee isaaniif kenne.