Kowa’a Gara Waaqaa Dhikaanna
19 Obboleeyyan tiyya, yoona dhiiga Yesuusiitiin addee woyyittii woyyootaa seeniisaaf ifi-addii dhagganneerra. 20 Nuuti karaa golla’aatiin, jechuun karaa haareyaa fi jiraataa inni foon ifiitiin nu’uuf baneen seenna. 21 Nuuti Hayyicha Guddaa mana Waaqaa irratti baallii qabu qanna. 22 Tanaaf wodanaa hamaa irraa akka qulloonnu yaada gadha’aa qulleeffannee, nafa keennalle bisaan qullichaan dhiqannee, gadhaa qajeela’aa fi dhugeeffannaa dhugittii qabannee, kowa’a gara Waaqaa dhikaannaa.