Publicidade

Hebreus 8

Yesuus Hayyicha Guddaa Gondooroo Haareyaa ti

1 Yoona waan dubbannu keessaa wonni guddaan, «Nuuti Hayyicha Guddaa ol-gubba'atti midda barcumaa mootummaa Waaqa ol-aana'aatitti te'eeru qanna» ka jedhu. 2 Inni addee woyyittii dunkaanii dhugittii teete, keessatti tajaajila; dunkaaniin tun harka namaatiin adoo hin te'in Gootta'aan dhaabbante. 3 Hayyooti gugurdoon martinuu, kennansaa fi woreega dhiyeessiisaaf muudaman; tanaaf hayyichi kun waan dhiyeessu qabaatiisa barbaachisa. 4 Akka seeraatitti hayyooti kennansa dhiyeessanu waan jiranuuf, inni adoo lafa tana irra jiraatelle'e hayyuu hin te'uuyyu. 5 Dunkaaniin hayyooti keessatti tajaajilanu tun, dunkaanii ol-gubbaa jirtuuf fakkeennaa fi gaaddiddu'u; yennaa Muuseen dunkaanii ijaarsaaf ka'e Waaqi, «Waan mara malaan akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhiseetitti tolchi!» jedheen. 6 Amma ammoo, gondooroon Yesuus wodhakkaa namaatii fi Waaqaa itti te'e, ta waadaa caalu irratti hundeeffante, akkuma Gondooroo Qaraa caaltu, tajaajilli isaaf kennamelle caala'a.

7 Gondooroon duraa ta komii hin qanne adoo teete, gondooroon lammeesso'oo sila hin barbaachittuuyyu. 8 Waaqi kolbaa ifii irratti balleessaa dhaggee,

«‹Kunoo, guyyaan ani kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuda'aa woliin,

gondooroo haareya gondooru hin dhufa› jedha Goottaan.

9 ‹Gondooroon tun,

ta akka yennaa biyya Gibxiitii harka qabee isaan baase,

abbootii isaanii woliin gondooreetii moti;

waan isaan gondooroo tiyyatti hin jabaatiniif,

anille xiyyeeffannaa isaaniif hin kennine› jedha Goottaan.

10 ‹Yennaa saniin duuba,

kolbaa Israa'elii woliin gondooroon ani gondooru,

Seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya;

gadhaa isaanii keessalle'etti hin barreessa.

Ani isaaniif Waaqa hin te'a;

isaanille kolbaa tiyya hin te'an;

ta jettu› jedha Goottaan.

11 ‹Nami tokkolle ollaa ifiitiin yookiin obboleessa ifiitiin,

Goottaa beeki! Jedhee hin barsiisu;

diqqa'aa haga gudda'aatitti martinuu na beekan.

12 Yakkaa isaaniille isaaniif hin araarama,

cubbuu isaaniille haganaa achi hin qaabadhu› jedheera» jedhe.

13 Yoona Waaqi, «Gondooroo haareya» jedhee dubbatiisaan, gondooroo duraa dulloonseera jechu'u; wonni dulloomee fi moofoye maraa badiisa geyeera.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-