3 Woreegi kun marti ammoo wogguma wogga’aan ka isaan cubbuu ittiin qaabatanu. 4 Sababille dhiigi dardaraatii fi re’e’ee cubbuu balleessiisaaf hin dandeenne.
5 Tanaaf Kiristoos gara biyya lafaa yennaa dhufe,
«Ati woreegaa fi kenna’atti hin gammanne,
ammoo nafa naaf qopheessite.
6 Woreega ciinca’aatii fi,
woreega cubbu’uuf woreegamutti ati hin gammanne.
7 Yennaa san ani,
‹Waaqa kiyya, Kitaaba Maramu keessatti
akkuma marroo tiyyaaf barreeffante,
ani fedhii teeti muummessiisaaf dhufeera› jedhe» jedhee dubbate.
8 Seerri akka inni tana tolchuuf ajajulle, inni ammoo asiin olitti, «Ati woreegaa fi kennaa, woreega ciinca’aatii fi woreega cubbu’uu hin barbaanne, ittille hin gammanne» jedhe. 9 Itti dabaleelle, «Kunoo, ani fedhii teeti muummessiisaaf dhufeera» jedhe; woreega lammeesso’oo addee buusiisaaf, woreega qaraa diige. 10 Akka fedhii Waaqaatitti, karaa foon10:10 Foon: Kitaab Giriikii nafa jedha Yesuus Kiristoosiitiin takkumaan yennaa maraaf woreega woreegameen woyyuu teeneerra.