Pular para o conteúdo
Publicidade

Ibroota 12

22 Isin ammoo gara gaara Xiyoonii dhikaattaneertan; Xiyoon qachaa Waaqa jiraata’aa ka teete Yerusaalemii ol-gubbaaa ti; isin gara ergantoota Waaqaa ta kuma heddu’utti laakkowantuu, ta gammadaan wolitti qabanteertuu dhikaattaneertan. 23 Gara Wolde’a worra maqaan isaanii ol-gubbaatti barreeffamee, ka angafoota ijoollee Waaqaa te’anee dhikaattaneertan. Gara Waaqa kolbaa duudi’itti muruutii fi lubbuu balchoole’ee ta guutuu teetee dhikaattaneertan.

Veja também