Pular para o conteúdo
Publicidade

Ibroota 12

5 Gorsa Waaqi akka ijoollee ifiititti isinitti dubbate deetaneertan; inni,

«Ilma kiyya! Yennaa Goottaan sirreessiisaaf si xixu,

akka kaso’ootitti hin ilaalin;

yennaa inni si adabelle,

gadhaa hin kutatin!

6 Sababille Goottaan nama jaalatu hin xixa;

nama akka ilma ifiititti fudhatulle

hin adaba» jedha.

7 Waaqi akka ijoollee ifiititti waan isin ilaaluuf, rakkoo adabbi’ii ossadha’a! Ilmi abbaan hin adabane kam inni? 8 Adabbii ijoolleen fudhattu maraa isinille yoo hin fudhanne, isin baana12:8Baana: Baana’a malee ijoolle’ee moti. 9 Kana maleelle nuuti martinuu abbootii nu adabanu qanna; nuutille isaan hin ulfeessina. Akka jiru’uun leenuuf irra caalaa Abbaa keenna ka ayyaanaatiif ajajamu’uu mallee motii ree?

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também