12 Jechi Waaqaa jiraata’aa fi ka huju; shallaagaa qara lama qabu caalaa qara qaba; lubbuu ayyaana irraa, morgeya dhuka irraa muree gargar hin baasa; yaadaa fi halchaa gadhaa namaalle qoree itti hin mura. 13 Dadi Waaqa duraa dhokattu takkaalle hin jirtu; wonni maraa fuula isaa duratti mulqama’aa fi qullaa te’ee mudhata; nuutille marroo teennaaf ka deebii kennuu qannu fuula isaa duratti te’a.