9 Yoona kolbaa Waaqaatiif foorri foora guyyaa Sanbataa fakkaatu ammalle hafeera. 10 Akkuma Waaqi hujii ifii irraa foorfate, nami foora Waaqi kennutti galu huji ifii irraa hin foorfata. 11 Maarre eennulle akka worra sanii ajajamiisa dhabiisaan jigee akka hin hanne, kowa’a addee fooraa sanitti galiisaaf jabaannaa!