Hayyicha Malkiisedeq
1 Malkiisedeqiin kun mootii Saalemiitii fi hayyicha Waaqa Ol Aana’aa ti; inni yennaa Abrahaam mootota injifatee deebi’u kara’atti wolde’ee isa eebbise. 2 Abrahaam waan duudii keessaa, kudhan keessaa tokko baasee kenneef; hiikkaan maqaa Malkiisedeqii tokkeessoon, «Mootii balchumma’aa ti», akkasuma «Mootii Saalemii» jechuun «Mootii nageyaa» jechu’u.
4 Abbaan sanyii teennaa Abrahaam waan booji’e keessaa, kudhan keessaa tokko eega isaaf kenne, nami kun attam guddaa akka te’e ilaala’a! 9 Lewwiin kudhan keessaa tokko fuudhuuyyu, yennaa san karaa Abrahaamiitiin, «Kudhan keessaa tokko baaseera» jedhiisaaf hin dande’ama. 10 Sababille yennaa Malkiisedeq Abrahaamiin wolde’e, Lewwiin gudeeda Abrahaamii abbaa ifii keessa jiraayyu.