Publicidade

Hebreus 9

Waaqonfannaa Lafa Irraatii Fi Ol-Gubbaaa

1 Gondooroon duraa seera waaqonfanna’aatii fi Galma Waaqaa ka lafaa qaddi. 2 Dunkaaniin kolloo lama qaddu qopheeffanteertiiyyu. Kolloon balbalatti aantu ta wonni ifa irra keyanu, xarapheessa’aa fi daabboon Waaqa dura dhikaattu keessa jirtu, «Addee Woyyittii» jedhanti. 3 Gollaa lammeesso’ootiin gara duubaa addeen jirtu ta keessaa, «Addee Irra Caalaa Woyyittii» jedhanti. 4 Achi keessa addeen ciinca’aa, ta worqi’iin hujantee hixaanni irratti aarfamuu fi Saanduqi9:4Saanduqi: Saaxiniin Gondooro’oo ka worqi’iin gonfameeru jiran; Saanduqa Gondooro’oo tana keessa okkoteen worqi’iin hujanteertu ta sagaleen mannaa jedhantu keessa jirtu, uleen Aaronii ta lattee fi dhakaan baxxichi lamaan ka ajaji kudhan irratti barreeffame jiran. 5 Saanduqa Gondooro’oo irra dadi ol-gubbaaa ta koola qaddu9:5Dadi ol-gubba’aa ta koola qaddu: Dadi koola qaddu ta dhaggama Waaqaa bakka buutu. ta ulfinnaa, ta qadaaddaa addee araarri cubbu’uu kennamuu, koola ifiitiin golliteertu jirti; amma ammoo marroo waan kana maraa tokko tokkoon dubbatiisaaf hin dandeennu.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-