Anbaaqoom Marroo Muraa Haqa Hin qannee Iyyate
2 «Ee, Mootii Waan Maraa! Qarqaarsa keeti gaafatiisaa fi marroo worra hunnaan nu bulchuu yoo sitti iyyadhu, ka nuu dhageettuu fi nu fayyittu yoom ree? 3 Maaf rakkoo akkasii akka dhaggu na goote? Dabi yennaa hujamu attam cadhittee ilaalta? Badi’ii fi hunnaan nama bulchanuun dhagga; wol dhabaa fi moromaan hin jiran.