Du’a Alaazarii
1 Namichi Alaazar jedhamu tokko, ka Bitaaniyaa keessa le’u dhibame. Bitaaniyaan qachaa Maariyaamii fi obboleettiin isi’ii Maartaan le’anu. 2 Maariyaamiin tun ta fiqiree miila Gootta’aatitti naxxee, rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxxe; Alaazariin dhibame sunille obboleessa isi’ii ti. 3 Obboleettoti Alaazarii: «Gootta’a, nami ati jaalattu dhibameera» jedhanee Yesuusitti ergane.
4 Yesuus yennaa tana dhage’e, «Dhibeen tun, ulfinni Waaqaa akka mudhatuuf, Ilmi Waaqaalle akka ittiin ulfaatuuf teete malee, Alaazar du’ee akka hafuufii moti» jedhe.
5 Yesuus Maartaa, obboleettii isi’ii Maariyaamii fi Alaazar hin jaalataayyu. 6 Akka Alaazar dhibame dhage’ulle, addee jiru san guyyaa lama oole. 7 Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, «Me gara biyya Yihuda’aa deebinee dhandha» jedhe.
8 Barattooti isaan, «Barsiisa’a, dhikoo tana Yihudooti dhaka’aan si tumiisaaf barbaadaneeran; ati ammalle achi dhaqiisaaf yaadattaa?» jedhaneen.
9 Yesuus deebisee, «Guyyaan tokko saatii kudhanii lama qabaa motii? Maarre nami guyya’aan ideemu, ifa biyya lafaa tana waan dhagguuf hin gufatu. 10 Nami halkaniin ideeme ammoo, sababa ifa hin qanneef hin gufata» jedhe. 11 Yesuus tana jedheen duuba dabalee, «Alaazar jaalli keenna rafeera, ani ammoo dhaqee isa hin dammassa» jedhe.
12 Barattooti isaa deebisanee, «Gootta’a, inni yoo rafee jiraate, hin fayya» jedhane.
13 Yesuus akka Alaazar du’eeru dubbatte; isaan ammoo marroo hirriibaa dubbate seyane. 14 Maarre Yesuus ifa tolchee, «Alaazar du’eera; 15 ammoo akka isin dhugeeffattanuuf, ani achi waan hin jiraatiniif gammadeera. Amma ammoo ka’aa gara isaa dhandhaa!» isaaniin jedhe.
16 Toomaasiin Didimoos11:16Didimoos: Didimoos jechuun lakkicha jechu’u jedhamu barattoota dhibi’iin, «Kowaa me nuutille dhandhee, barsiisaa woliin duunaa!» jedhe.
Yesuus Du’aa Ka’iisaa Fi Jiru’u
17 Yesuus yennaa achi geye, Alaazar haga awwaalamee guyyaa afur akka te’e dhagge. 18 Bitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloomeetira sadii fagaatti; 19 Yihudooti hedduun Maarta’aa fi Maariyaam marroo du’a obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessiisaaf dhufaneeran.
20 Maartaan dhufa Yesuusii yennaa dhageette, gad itti baate; Maariyaam ammoo manumatti hatte. 21 Maartaan Yesuusiin, «Gootta’a, adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du’uuyyu! 22 Ammoo, ammalle waan ati gaafatte mara Waaqi akka sii kennu ani hin beeka» jette. 23 Yesuus, isi’iin, «Obboleessi keeti du’aa hin ka’a» jedhe.
24 Maartaan deebittee, «Guyyaa muumme’ee yennaa du’aa ka’iisaa, akka inni du’aa ka’u ani hin beeka» jette.
25 Yesuus, «Du’aa ka’iisaa fi jiruun ana. Ka natti dhugeeffatu, du’ulle jiru’uun hin le’a; 26 Ka jiru’uun le’uu fi natti dhugeeffatu marti hin du’u. Ati kana hin dhugeeffattaa?» isi’iin jedhe.
27 Isiin, «Ee Gootta’a, ati Ilma Waaqaa, Masiihii gara biyya lafaa dhufaaru akka teete ani hin dhugeeffadha» jetteen.
Yesuus Bowe
28 Maartaan kana jetteen duuba, dhaxxee obboleettii ifii Maariyaam qofuu waantee, «Barsiisaan as jira, si’ille waamiisatti jira» jetteen. 29 Maariyaamiin yennaa tana dhageette, ariifattee isa dhaggiisaaf kaatee baatee gara isa dhaxxe. 30 Yesuus adduma Maartaan isa itti dhaggite jiraayyu malee, yennaa san ollaa keessa hin seenneeyyu. 31 Yihudooti isii jajjabeessiisaaf isii woliin mana keessa jiranu, yennaa Maariyaamiin ariifattee kaatee baatuun dhaggane, waan addee awwaalaa dhaxxee boottu seyanee, isii gula ka’ane.
32 Maariyaam addee Yesuus jiru geettee, akkuma isa dhaggiteen, miila isaatitti jiddee, «Gootta’a! Adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du’u» jetteen.
33 Yesuus bowiisa isi’iitii fi kolbaan isii woliin jirtulle attam akka bowiisatti jirtu yennaa dhagge, gadhaan isaalle gaddee, guddisee laaleffatee, 34 «Eessatti awwaaltane?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Gootta’a, koyii ilaali» jedhanee deebisane.
35 Yesuus bowe. 36 Yihudooti, «Attam akka inni isa jaalate ilaala’a!» jette. 37 Isaan keessaa gariin ammoo, «Inni nama ballaa fayyiseera, silaa akka Alaazar hin duune dhoogguu hin dande’uuyyuu?» jedhane.
Yesuus Alaazar Du’aa Kaase
38 Yesuus ammalle guddisee laaleffatee, gara boolla awwaalaa dhaqe. Boolli awwaalaa sun goda dhakaan afaan irra keyameeru. 39 Yesuus, «Dhakaa irraa kaasa’a!» jedhee ajaje. Maartaan, obboleettiin nama du’ee, «Gootta’a, inni haga du’ee guyyaa afur tureera. Amma ajoweera!» jetteen.
40 Yesuus isi’iin, «Yoo dhugeeffatte ulfinna Waaqaa akka dhaggitu, ani sitti hin hinnee?» jedhe. 41 Maarre isaan dhakaa irraa kaasane. Achiin duuba Yesuus ol ilaalee, «Ee Abba’a, waan na dhageetteef, si galateeffadha. 42 Akka ati yennaa mara naa dhageettu ani hin beeka; ammoo kolbaan as dhaabbattu tun akka ati ana ergite akka dhugeeffattuuf tana jedhe» jedhe. 43 Tana jedheen duuba, Yesuus, «Alaazar, as bayi!» jedhee qoonqoo guddo’oon waame. 44 Alaazarille harkii fi miilli isaa woyaa awwaalaatiin xaxamee, fuulli isaalle woya’aan maramee, gad baye. Yesuus, «Hiika’aatii lakkisa’a, deemuutii» isaaniin jedhe.