Pular para o conteúdo
Publicidade

João 11

21 Maartaan Yesuusiin, «Gootta’a, adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du’uuyyu! 22 Ammoo, ammalle waan ati gaafatte mara Waaqi akka sii kennu ani hin beeka» jette. 23 Yesuus, isi’iin, «Obboleessi keeti du’aa hin ka’a» jedhe.

24 Maartaan deebittee, «Guyyaa muumme’ee yennaa du’aa ka’iisaa, akka inni du’aa ka’u ani hin beeka» jette.

25 Yesuus, «Du’aa ka’iisaa fi jiruun ana. Ka natti dhugeeffatu, du’ulle jiru’uun hin le’a; 26 Ka jiru’uun le’uu fi natti dhugeeffatu marti hin du’u. Ati kana hin dhugeeffattaa?» isi’iin jedhe.

27 Isiin, «Ee Gootta’a, ati Ilma Waaqaa, Masiihii gara biyya lafaa dhufaaru akka teete ani hin dhugeeffadha» jetteen.

Veja também