Pular para o conteúdo
Publicidade

João 12

Yesuus Ulfinnaan Yerusaalem Seene

12 Boruyyaa Gumiin guddoon Jila Irra Dabaramaatiif dhutteertu Yesuus gara Yerusaalemii akka dhufiisatti jiru dhageette. 13 Maarre dameelee meexxi’ii qabattee, qoonqoo guddo’oon, «Hosaa’inaa!12:13Hosaa’inaa: Addee tanatti yaada Waaqi galatoomu jedhu qaba Mootiin Israa’elii ka maqaa Gootta’aatiin dhufu ka eebbifame!» jedhaa isa fudhatiisaaf baate.

14 Yesuus ilmayyoo harre’ee tokko dhaggee irra tee’e. Kunille akkuma Barreeffam Woyyichi,

15 «Kolbaa Yerusaalemii, hin sodaatina’a!

Mootiin keessan kunoo ilmayyoo harre’ee irra tee’ee dhufa» jedhu.

16 Barattooti isaa jalqaba irratti kana hin hubanne; Yesuus gara ulfinnaa ol fudhatameen duuba ammoo, isaan Barreeffam Woyyichi marroo isaatiif akka kana jedhee fi isaanille kanuma akka isaaf godhane qaabatane.

17 Kolbaan yennaa inni Alaazar awwaala keessaa waamee du’aa kaasu Yesuus woliin jirtu waan te’e dhugaa bayaa turte. 18 Bilbaasa kana akka inni tolche waan dhageetteertuuf gumiin isa fudhatiisaaf baate. 19 Kanaaf Fariisaayoti, «Ilaala’a, nuuti womaa godhuu hin dandeenne! Kunoo, biyyi lafaa duudiin isa hordofaarti!» woliin jedhane.

Veja também