Karaan Gara Abba’aa Geessu Yesuus
1 Yesuus barattoota ifiitiin, «Gadhaan keessan hin raafamin, Waaqatti dhugeeffadha’a; analle’etti dhugeeffadha’a! 2 Mana Abbaa kiyyaa keessa addeen leeto’oo heddu’utti jira; anille addee isiniif qopheessiisaaf deemaara. Adoo isiin hin jirre teetee ani silaa tana isinitti hin himuuyyu. 3 Dhaqee addee isiniif qopheesseeruun duuba, addee ani jiru akka leetanuuf, deebi’ee dhufee isin fudhadha.