Publicidade

João 19

23 Loltooti Yesuus fannisaneen duuba, woyaa isaa addee afuritti qoodanee, tokko tokkoon qooda ifii fudhatane. Isaan ruufalle fuudhane; ruufi isaa ammoo gubba’aa haga jalaatitti dhowameera malee, hodhaa hin qabu. 24 Loltooti, «Ruufa kana hin tarsaannu; hixaa itti buufannee, akka eennu gewu ilaalluu ti!» woliin jedhane. Barreeffam Woyyichi,

«Woyaa tiyya qoodamane,

ruufa kiyyatti hixaa buufatane» jedhu akka muummowuuf kun te’e. Loltootille kanuma godhane.

25 Fannoo Yesuusii cinaa, haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaamiin niitiin Qilopha’aatii fi Maariyaamiin Magdalaa dhaabbataneeraniiyyu. 26 Yesuus haadha ifiitii fi barataa ifii ka jaalattu achi dhaabbatanuun yennaa dhagge, haadha ifiitiin, «Haadha tiyya, inni ilma keeti» jedheen.

27 Achiin duuba barattichaan, «Isiin haadha teeti» jedheen. Yennaa sanii jalqabee barattichi mana isaa akka leetuuf gara mana ifii isii fudhate.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-28_14-13-17-